Dhukkubbiin mataa/bowwoon sababa namni mana yaalaa deemuuf keessaa isa ijoodha. Namoota 10 adunyaa kana irra jiran keessaa namni 9 jireenya isaa keessatti yoo xiqqaate al-tokko dhibee mataa dhukkubbi ni qabaata.
Sababa irratti hundaa’uun dhukkubbiin sammuu gosa bu’uuraa lamatti adda baafama. Isaanis:
- Mataa bowwoo of danda’aa (Primary headache): Dhukkubni mataa gosa kanaa yeroo mataa bowwoon dhukkuba biraa wajjin hidhata hin qabaatin kophaa isaa mul’atudha.
- Mataa bowwoo hirkatoo (Secondary Headache): Dhukkubbiin mataa akkanaa kun dhukkuba biraa wajjin walqabatee kan dhufudha.
Mataa bowwoon of danda’aa gosa garaa garaa qaba. Isaan kessaa muraasni armaan gaditti tarreefamanii jiru
Dhukkubni mataa bowwoo gosa kanaa dhukkubbii mataa salphaa fi sochii idilee keenya irratti dhiibbaa kan hin geessisne dha. Dhukkubni mataa bowwoo gosa kanaa qoricha dhukkubbii mataa idilee fayyadamuun fooyye kan agarsiisudha fakkeenyaaf, paracetamol, diclofenac fi kkf fudhachuudhaani. Ka’umsi isaa guutummaatti hubatamuu baatus, cinqii, tasgabbii dhabuu, dheebuu, hirriba dhabuu, dadhabbii fi araada waliin wal qabata.
Migreeyiniin dhukkubbii mataa hamaa, kan hojii idilee ofii sirritti akka hin hojjenne nama dhorkuu danda'udha. Wantoonni namatti kakaasan kan akka; sosochii qaamaa, ifa, marsaa laguu, cinqii, sagaleefi kkfn.. mallattoowwan akka dhukkubbii, dadhabsiisuu, haqqisiisuu, muraasaaf arguu dadhabuu, dubbachuu dadhabuufi kkfn..namatti fiduu danda'u. Dhukkubbiin mataa kun dhukkuba yeroo dheeraa turu, kan fayyuuf rakkisuufi garuu kan yaalamuu danda'udha. Karaan ittiin yaalaman gurguddoo lamatu jira.
- Dawaa dhukkuba dhaabuuf gargaaru (Abortive medications); Yeroo jalqabaaf mallattoon dhukkuba kanaa yoo namarratti argameef akkasumas dhukkubbii salphaaf kan fayyadamnudha.
- Dawaa dhukkubbiin akka hin deddeebine gargaaru (Preventive medications); Yeroo mataa dhukkubbii hamaa ta'ee fi yoo baatii tokko keessatti si'a afur ol namatti deddeebi'a ta'e akkasumas, hojii guyyaa guyyaarratti dhiibbaa kan geessisu ta'e kan ittiin yaalamanidha. Qorichoonni kunis akka namatti hin deddeebineefi dhukkubbii mataa hir'isuuf akkaataa ajaja ogeessa fayyaattii sirriitti fudhachuun gaariidha. Qorichoonni yaala dhukkuba kanaaf oolan akaakuu hedduutu jiru. Fknf. ditans, triptans, NSAIDS, analgesics, antiemetics fi kkf. mallattoowan sanarratti hundaa'uun gorsa ogeessaan fudhachuun ni danda'ama!
Namoonni mataa dhukkubbi gosa kanaan rakkatan bowwo mataa yeroo mara walakkaa tokkoon qoodee isaan dhukkubu fi waraansa ykn gubaa ijaa kan qabu yoo ta’u, yeroo bay’ee daqiiqaa 15 hanga sa’aati 3 namarra tura. Guyyaa tokkotti hanga yeroo sadiinamatti deddeebi’uu danda’a. Bowwoon kun hamaa ta’uu isaa irraa kan ka’e hirribaa nama dammaqsuu ni danda’a. Rakkoo kana maaltu akka fidu sirritti beekamuu baatus dhugaatii alkooli faana akka wal qabatu ragaaleen sayinsii agarsiisa. Yoo dhukkubni kun namatti deddeebi’e ogeessa fayyaa biratti ilaalamuun yaala argachuun ni danda’ama.
Gosa mata bowwoo kana kan uuman dhukkuboonni gara garaa hedduun ni jiru. Kanneen keessaas meninjaayitis, mataa keessatti dhiigu, Infeekshini gara garaa (Tayifoyidi, busaaa…), qoricha gara garaa, dhiibbaa dhiigaa, dhiitoo sammuu keessaa fi .k.k.f ta’uu ni da
This information is for awareness only and does not replace a doctor's advice.