Akka addunyaattis tahee Akka Biyya keennatti dhukkuboota baay'ee beekkamanii fi irra caalaatti namoota umurii dargaggummaa keessa jiran kan qabuudha. Addunyaa keessatti guyyaa tokkoon namoonni tilmaamaan miliyoona tokko ol ta'an dhukkuba kanaan ni qabamu.
Baakteeriyaa, vaayirasiilee fi maxxantuuwwan gara garaa karaa qunnamtii saalaa nama irraa namatti daddarban keessaa 8 (saddeet) dhukkuboota walqunnamtii saalaatin daddarban fiduun Kan beekkamu. Kanneen keessaa arfan isaanii jechuunis cophxoo(gonorhea), fanxoo(syphillis), kilaamidiyaa fi triikoomooniyaasisif kanneen wal'aansaan fayyisuun danda'aman yoo ta'u; kanneen hafan afran immoo vaayirasiilee Akka heppaataayitas B, HIV, herpes Vaayiraas fi hiyuman paappiloomaa vaayiraasiin(HPV) dhufaniif hanga ammaatti dawaan guutumaan guututti fayyisu hin argamne.
- Madaa'uu ykn qunca'uuu naannoo qaama saalaa dhiiraa ykn dubaraa.
- Dhangala'aan qaama saalaa dhiiraa keessaa dhangal'uu.
- Dhangala'aan adda ta'e ykn foolii badaa qabu qaama saalaa dubartii keessaa dhangala'uu.
- Dhukkubbii yeroo walqunnaamtii saalaa, yoo fincaa'an nama dhukkubuu fi gubuu.
- Nannoo qaama saalaa fi mudaamuddiitti xannachoonni liimfii dhiita'uu.
- Dhukkubbii garaa gara-gadii.
- Qaama gubaa
- Gariin dhukkuboota kanaa salphaatti namaa namatti yeroo walqunnaamtii saalaa kan
daddarbanii fi haala salphaa ta'een mana yaalaa sadarkaa xiqqaatti illee
qorichaan yaalamanii kan guutumaatti fayyuu danda'anidha. - Kanneen guutumaa guutuutti fayyisuun hin danda’amne ille yaala gochuun rakkoo hamaa geessisuu danda’an hir’isuun ni danda’ama Yoo kan hin yaalamiin yeroo dheeraaf turan ta'e garuu dhibee hamaa (complication) adda addaaf nama saaxilu. Kanaaf namni kamuu mallattoo kana yoo ofirratti arge dafee mana yaalaa deemee/ttee yaalamuun baay’e barbaachisaadha. Erga yaalamanii booda ammoo, waliif amanamuu, yoo dadhaban kondomii fayyadamuun carraa dhukkuba kanneenin qabamuu ni hir’isa.
Yoo mallattoon dhukkuba kanaa jaalalleen lamaan keessaa nama tokko irratti mul’ate lamaanuu waliin yaalamuu qabu. Kan yaalamuu qabanis yeroo walfakkaataa keessatti malee, guyyaa gara garaa taanaan carraan dhukkuba kana irraa fayyu dhiphaadha.
- Jaalallee tokko waliin amanamummaan jiraachu
- Yoo jaalallee tokkoo ol qabu ta’e immoo kondomii fayyadamuun
- Kittaanamuun dhiiraa daddabarsii dhukkuboota kanniini ni hir'isa.
- Vaayirasiilee Akka heppaataayitas B fi HPV talaallii fudhachuun rakkkoolee fayyaa walqabatanii dhufan irraa of baraaruun ni danda'ama.
This information is for awareness only and does not replace a doctor's advice.