Uccubni mormaa rakkoo hormooni tayrooyidi waliin walqabatee (hedduminaan baay’achu hormooni ykn darbee darbee immoo xiqqaachu hormooni) kan dhufu yeroo ta’u, dhiitoo uumuun beekama. Biyya keenya keessatti immoo yeroo baay’e hir’ina ayoodini waliin wal qabata.
· Rakkoolee guddina dhiito waliin wal qabatan – liqimsuu dadhabuu, hafuura kutuu, sagaleen jijjiramu, dhiito fuula · Hanqina taayroyidiin walqabatee- hir’achuu fedhii nyaataa, furdachu, hirriba dhabuu, xiyyeeffano dhabuu, dadhabbi, goginsa garaa, qorra qama Baay’achu Taayroyidiin walqabatee – beela, huuqqina qama, hirriba dhabuu, aari, dhahannaa onnee, dadhabbii
· Hanqina Ayoodini nyaata keessa argamu · Raafuu maraa baay’isanii nyaachu – ayoodiniin akka qaamatti hin fudhatamne godha
· Ashaboo ayoodini baay’inaan qabu fayyadamuu Kanneen ayoodini waliin wal hin qabanne ittisuun waan hin danda’amneef hatattamaan oggeessa fayyaa biratti ilaalamuun furmaata argachuun nidanda’am
· Yaalii dhiigaa – hamma hormooni tayrooyidi nutti himu danda’aniin (TSH, T3 and T4) ·Altrasoundii mormaa – Uccubaa fi dhiitoo biraa gargar baasuuf · Samuuda fudhachuun (FNAC) – Uccubni sun kansariitti jijjiramuu fi dhabuu isaa adda baasuuf · ECG – Rakkoon onnee waliin wal-qabate jiraachuu fi dhabuu adda baasuuf
· Baay’achuu hormooni yeroo jiraatu qorichaawwan akka Propylthiouracil – (PTU) fi carbimazol oggessa fayyaatin nii kennamu. · Miidhaa onnee irra gahu hambisuuf propranolol kennuun barbaachisaa ta’u ni danda’a ·Hanqachuun hormooni immo yoo jiraate – hormooni bakka buusuun ni danda’ama (Levotyroxin)
Odeeffannoon kun hubannoof qofa; gorsa doktoraa hin bakka bu'u.