Qaama miidhamummaan hir’ina qama (jaamummaa ijaa, miidhama harkaa, dadhabina gurraa fi.k.k.f), rakkoo sammuu fi rakkoolee isaan waliin walqabatan kan of keessaa qabudha. Namoota qaamaan miidhamaa ta’aniif yoo deeggarsi taasifamuufi baate; rakkoo fayyaa, hawaassumaa fi abbaa qabeenyummaa waliin walqabateef saaxilamu. Qaama miidhamummaan rakkoo dhalootaan walqabate, miidhama qama irraan qunnamuun fi dhukkuba garagaraan uumamu ni danda’a.
Jaamummaan ijaa guutumaatti ifa arguu dadhabuu ijaa ykn waantota ijoo gurguddo argu dadhabuu ijaa jedhuuha. Jaamummaan namni dhunfaan adhunyaa waliin wal qunnamuuf miiroota qaamaa biro akka fayyadamu ni taasisa. Kunis namoonni addunyaa waliin haala ittiin walii galan fala ajaa’ibsiisa akka qabaatan isaan gargaara. Teeknolojiinis qulqullina jireenya namoota rakkoo kana waliin jiraatan foyysesuuf gahee guddaa taphata.
Rakkoon kun dadhabbina sagalee dhagahuu gurraa ibsudha. Akkuma Jaamina ijaa kunis jireenya hawaasummaa fi dhunfaa irratti dhiibbaa guddaa geesisa. Haata’’u malee namoonni kun afaan ittin walii galuu danda’an sirritti guddate niqabu. Meeshaleen teeknolojiin deegaraman garaa garaa haala dhibee irratti hundaa’un ukkubsataa ni gargaaru.
Jechi laamsha’uu jedhu qaamni namaa bakka tokko gara biraatti socho’uuf waantoota godhan ibsuuf gargaara. Rakkoon kun sababa garaagaraatin uumamu ni danda’a. kunis rakkoo uumamaan, miidhama qaamaan ykn dhibeewwan birootin walqabatee uumamu ni danda’a. Kanneen keessa gariin isaani ittisuun nidanda’ama fakkeenyaaf; dhibee polliyoon shibee nervii infekshiniitin dhufu yeroo ta’u yerootin talaalli fudhachuutinii fi yaalamuun fayyuun ni danda’ama.
Odeeffannoon kun hubannoof qofa; gorsa doktoraa hin bakka bu'u.