Tiibiin dhukkuba infekshinii sababa jarmiitin dhufu ta’ee somba yookin qaama keenya biroo kan miidhu danda’usha. Yeroo baay’e somba namaa haa miidhu malee qaamolee biroo miidhuu ni danda’a. Tiibiin dhukkuba hamaa kan wal’aansaa fi dawaa sirrii t aheen irraa fayyuun danda’amu dha. Dhukkubni tiibi yeroo baay’ee somba miidha (pulmonary TB). Dhukkubni kun nafa qaamaa kanneen biraallee miidhuu ni danda’a. Qaamolee biroo yeroo baay’ee dhukkuba kanaan miidhaman lafee, dugugguruu, sammuu, kalee, mar’immaan garaa, tiruu fi.k.k.f
Eenyus taanaan dhukkuba Tiibiitin qabamuun ni danda’a. Namni dhukkuba kanaan sombi isaa tuqame tokko wayita qufa’u, haxxifatuu fi dubbatu jarmiiwwan kana (Mycobacterium Tuberculosis) qilleensatti facaasuu ni danda’a. Namni bira jiru ammo jarmiiwwan san hafuura qilleensaa wajjiin ol fudhata. Hubadhu:- Harka nama fuudhuudhaan ykn immoo nyaata, saahniiwwan, uffata yknis meeshaalee harkaan tuquu irraa dhukkubni TB nama hin qabu. Jarmiiwwan Tiibi qaama keessa yoo seenan yeroo baay’ee riphanii taa’u. Kunis “dhukkuba sombaa dhokataa” ykn LTBI (Lataent tuberculosis) jedhama. Jarmiiwwan Tiibi kan rafan kun qaama nama hin dhukkubsan ykn dhukkubsataa taasisanii sin ciibsani. Dhukkubni LTBI jedhamu kun akkuma dhokate kanatti yeroo gabaabaaf ykn waggoota baay’eef turuu danda’a. Yoo jarmiiwwan riphanii turan kun sababa garaagaraan ka’ani qaama namaa miidhuu jalqan. Kun, “dhukkuba tiibi mul’ataa” (active tuberculosis) jedhama.
Namootni dhukkuba Tiibi qaban mallattoowwan armaa gadii tokko ykn sanaa oll qabaachuu ni danda’u: • Torbaan 3 ykn sanaa ol qufa’uu • Huqqina qaamaa • Fedhii nyaataa dhabuu • dafqa halkanii • Fedhii nyaata dhabuu • Ho’a qaamaa • Dadhabiinsa yk bututiinsa nafaa • Dhukkubbii qomaa • Aakii dhiiga makate ykn bifa boora-daalacha qabu kan sombarraa dhufu tufuu
Dhukkuba tiibi qorachuuf yaalin garagaraa barbaachisuu ni danda’a. Kunis umurii, dhukkubsataa fi mallattoo dhukkubsataa irratti hundaa’s ● Raajiin qomaa jarmiiwwan sun sombaa tuquu fu tuquu-dhabuu mul’isa. ● Aakii somba kee keessaa burqee dhufu qoratuu dhaan (gene x-pert) jarmiiwwan Tiibi somba kee keessatti jiraachuu fi dhiisuu beekuun ni danda ama. ● Yaaliin dhukkuba sombaa kan gogaa harkaa irratti godhamu (Mantoux skin test) jarmiiwwan Tiibi qaama keessa jiraachuu addeessuu danda’a, jarmiiwwan sun qaama keessa yoo riphanii jiran adda baasuuf ni gargaara.
Ajaja doktora fayyaa irratti hundaa’ee qorichi garagaraa kennamuufi ni danda’a. Yeroo baay’ee dawaaleen kennaman Isoniazid, Rifampin, Ethambutol fi Pyrazinamide dha. Dawaadhaan dhukkuba tiibi fudhachuu jalqabnaan dhukkubsataan torbanneen muraasa keessatti foyyee agarsiisu jalqaba. Jarmiiwwan dhuukuba tiibi martinuu akka guutummaatti ajjeeffaman gochuudhaaf yoo xiqqaate baatiiwwan 6 irraa haga 9 osoo addaan hin kutiin dawaalee tiibi walitti aansani fudhachuun barbaachisaadha. Wal’aansi jalqabee hanga fayyutti yeroo beellamaa sirnaan hordofuun barbaachisaa dha. Doktortich wayyaa’aa jiraachuu dhukkubbsataa hordofuu fi haala dhukkubsataa hordofuun dirqama ni ta’a.
Yoo dawaa haalaan hin fudhatin maaltu taha?
Jarmiiwwan dhukkuba tiibi humna jabaa qaama itti miidhu danda’an kan qaban yoo ta’u du’aafis nama saaxila. Kanaan malee jarmiiwwan dhukkuba tiibii kun amala qoricha dandamachuu jabaa horachuun (MDR TB) rakkoo cimaa dawaalee dabalataa kan biroo yeroo dheeraadhaaf fudhataman fiduu ni danda’u. Kunis dhukkubsaticha yaaluuf ulfaataa taasisa. Waa’ee qoricha dhukkuba tiibi fudhannu maaltu nurraa eegama Dawaan tiibi yeroo baay’e rakkinni fidu hin jiru; garuu namoota tokko tokko irratti hubaatii fidu ni danda’a. Mallattoowwan armaa gadii keessaa tokkollee yoo mul’atte ogeessa fayyaa mariisisuun ni barbaachisa.: ● Haqqisaa, dhukkubbii garaa ● Fedhii nyaataa dhabuu ● Ijji ykn gogaan booratti jijjiiramuu ● Qubbeen harkaa tii fi miila si hooqsisuu ● Xiffisaa fi hadooddii afaanii ● Ijji akka durittii ilaalu diduu ● Gurra keessaa sagalee foricu dhagahuu ● Gurri rakkina dhageettii qabaachu ● Lafti namaan maruu ● Dhukkubbii bakka nafti itti dadacha’uu Guyyaalee 3 caalaaf dhukkubbi qabaachu ● Qaamni shiftoo baasuu ● Qaamni salphaattii si dhiiguu ykn madaahu Dawaa dhukkuba tiibi sa’aa baratametti fudhachuun barbaachisaadha.. Haga ogeessi fayyaa himutti dawaa tiibi adda kutuun hinbarbaachisu Yeroo dawaa tiibii fudhattu biiraa, weeynii ykn dhugaati alkoola qabu fudhachuun hin barbaachisu
DOT Maali? “DOT” jechuun guyyumaan hordoffi haakimaa argachaa Wal’aanamuu (Directly Observed Therapy) jechuu dha. DOTn dhukkubsataan haalaan akka daawaa fudhatu isa taasisa. DOT tiin, guyyumaan dawaa dhukkuba tiibi osoo narsiin ykn ogeessi fayyaa ilaalu fudhachuu jechuu dha. Dawaalee barbaachisan mara sirnaan fudhatuu dhukkubsataa fi wal’aansis godhamu hojjataa jiraatuu isaa hordofuuf sirna mijeeffame dha. Yoo rakkoon furmaata barbaadu qunnames battalumatti yaaluf ni gargaara.
Dhukkuba tiibi namoota biraatti darbuu ni danda’aa? Yoo dhukkubni tiibi somba keessa kan jiru ta’e, jarmiiwwan tiibi akka namoota biraatti hin darbineef of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Dhukkubni tiibi nafa qaamaa kan biroo keessatti kan jiru yoo ta’e, jarmiiwwan tiibi baay’inaan namoota birootti hin darbani. Erga qorichi jalqabamee torbanneen jalqabaa muraasa of eeggannoon taasifamuu baannaan carraan nama irra namatti dadarbu guddaa dha. Kanaafuu yoom gara hojii, mana-barnootaa, yookaanis dalagaa biraatti deebi’uun akka danda’amu ogeessa fayyaa haasofsiisuun barbaachisaa dha. Of eegannoowwan daddarbii dhukkuba kanaa ittisuuf nu barbaachisan
- Walitti dhiheenya qaama namoota dhukkubicha hin qabne waliin qaban hir’isuu
- Harka qajeelchanii dhiqachuu
- Yeroo qufa’an afaan aguugachuu ykn ciqilee keenya gidduutti qufa’uu
- Hanga ogeessi fayyaa eyyamutti gara bakka namni heddu argamutti deemu dhiisu
Odeeffannoon kun hubannoof qofa; gorsa doktoraa hin bakka bu'u.