Dhibeen busaa dhukkuba daddarbaa bookee busaaatin dhufuudha. Dhukkubni kun rooba gannaan walqabachuun iddoowwaan busaaf saaxilamaa ta’anitti mul’achuu ni danda’a. Bookeen busaa yeroo baay’ee kan nama cinintu bakka ciisichaatti galgalaa hanga ganamaatti. Namoota addunya kana keesssa jiran keessaa waggaa tokko keessatti dhukkubni busaa namoota miiliyona 243 kan ta’an huba. Dhukkubni busaa ALA bara 2017 namoota gara walakkaa miliyonaa ta’an (435,00) ta’an ajjeese jira. Namoota dhukkubni busaa ajjeesu keessaa dhibbantaan 80 biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti kan argamanidha. Lafa biyya keenyaa keessaas dhibbantaan 75 dhukkuba busaaf kan nama saaxiludha.
Dhibeen busaa dhibee pirotozuwaan dhufu yoo tahu pirotozuwaan kun ‘plasmodiyam’ jedhamuun kan beekaman yoo ta’u; bakka bishaan baay’inaan ciisutti argama. Bookeeen busaa ‘anoofiles moskiitoo’ jedhamtu pirotozuwaa kana baachuun nama hidduun gara namaatti dabarsiti. Kana qofa miti, nama dhibee kanaan qabame irraa hidduun busaa dhiiga namichaa keessa jiru dhiga waliin xuuxuun gara nama fayyaattiis ni dabarsiti. Bookeen kun kan walhortu bakkeewwan bishaan kuufame jirurrattidha. Plasmodiyemiin dhibee busaa fidu baay’inaan gosa ja’a ta’anis kan biyya keenya keessatti dhukkuba busaa baay’inaan namatti fidan akaakuu lamaan ‘Plasmodium falciparum, Plasmodium vivax’ kanneen jedhamanidha.
Faca’iinsi dhukkuba busaa olka’iinsi lafaa sirrii galaanaa (sea level) irraa qabu fi yaa’insa lageeni irratti hundaa’uun garaagaruma ni qabaata. Lafti sirrii galaanaa irraa olka’iinsa meetira kuma lamaa gaditti argaman ho’ina olaanaa waan qabaniif walhormaata bookee busaaf ni mijatu, kanaaf dhukkubni busaas itti baay’ata. Haaluma kanaan lafti gammoojjii lixa Oromiyaa, Amaaraafi Tigraay, guutummaa naannoo Beenishaangul Gumuziifi Gambeellaa iddoowwan dhibeen dhukkuba busaa itti olka’aa ta’edha.Gammoojjiiwwan baha Itoophiyaa (irra jireessaan naannoo Somaaleefi Affaar) keessatti ammoo dhukkubni busaa bal’inaan kan hinargamneef yaa’iinsa lageenii murtaa’aa waan ta’ee argamuufi
Mallattoowwan dhukkuba busaa irratti baay’inaan mul’atan
- Miirri fayyummaa namatti dhaga’amuu dhiisuu
- Mataa dhukkubbii
- Dadhabbii
- Qaama nama caccabsuu (maashaaleen qaama dhukkubbi qabaachu)
- Qaama ho’isuu
- Hollachiisu (qaama urgufuu)
- Takka ho'isuu ama immoo deebisee qorrisiisuun yeroo murtaa’e (sa’aa 48 yokaan 72) walirraa fagaatee namatti deddeebi’uu mala.
- Dhukkubni busaa yeroo hedduu deddeebi’ee yoo nama qabateefi yoo kan nama qabatee nama keessa hinbadiin ture ta’e tiruu dhiitessuu danda’a. Mallattoowwan armaan olii kunneen yoo kan busaan nama qabe sun salphaadha ta’edha, yoo busaan sammuu hubee jira (cerebral malaria) ta’e garuu mallattoo addaa argisiisa. Dhukkubni busaa sammuu kunis gosa jarmii busaa ‘plasmodium falciparum’ jedhamuun kan dhufu ta’ee, mallattoolee isaas:
- Sammuun hojjachuu diduun waan hinjirre haasa’uu (sammuun darbuu)
- Gaggabsuu (of wallaasisuu)
- Qaama hurgufuu (akka nama gaggabdoo qabuutti) Hanga lubbuu dabarsuutti deemuu mala. Naannoo dhibeen bookee busaaf saaxilamaa ta’etti mallattooleen kunniin namarratti yoo mul’ate dhukkuba busaa ta’uu waan danda’uuf sa’atii 24 keessatti gara dhaabbata fayyaa naannoo jiru deemuun qorannoo dhiigaa taasisuun mirkaneeffachuun barabaachisaadha.
Dhukkubni busaa keessumaa dubartoota ulfa jalqabaa irratti yoo qabate miidhama nama kaan irraan ga’u caalaatti midhaa irra geessisa. Hir’ina dhiigaa, hir’ina giluukoosii qaama keessaafi rakkoo sombaaf carraan saaxilamuu haadha garaatti baattuu olka’aadha. Daa’ima irratti rakkoolee akka: ulfaatinni qaamaa gadi bu’uu, mucaan garaa keessatti du’uu, utuu yeroon hinga’in dhalachuufi dhukkuba busaan qabamanii dhalachuu fida. Rakkooleen kunneen hundi carraa lubbuun jiraachuu mucaa hir’isu.
Haala dhukkubsataan irra jiru irratti hundaa’e ogeessi fayyaa qorannoo dhiigaa garaagarii (CBC, RFT, RDT and Blood smear) fi qorannoo fincaani taasisuu ni danda’a. Ajaja doktoraa irratti hundaa’ee qorannoon kanneen biroos taasifamuu ni mala.
Dhukkubni busaa haala salphaadhaan ittifamuufi qorichaan yaalamee kan fayyuu danda’udha. Qorichi kennamus haaluma akaakuu dhukkuba busaa sanaan garaa garummaa kan qabuufi haala cimina busaa sanarratti hunda’ee manattiifi hospitaala keessa ciibsanii yaaluun illee ni danda’ama. Gaarummaan waa’ee dhukkuba kana yaaluu ilaalchisee jiru, hanga ammaa jarmiin busaa qoricha busaa waliin walbaree fayyuu dide jiraachuu dhabuusaati. Kunis dhukkubni busaa kamiyyuu yaalamee akka fayyuu danda’u nutti argisiisa.
- Iddoo ciisichaatti saaphana siree keemikaalan cuuphame fayyadammuu. Iddoo saaphanni siree gahaan hin jirretti haadholii ulfaafi daa’immanii dursi kennamuu qaba.
- Keemikaala farra bookee buusaa iddoo buusaaaf saaxilamaa ta’etti biifsisuu.
- Keemilaalli si’a tokko biiffame ji’a jahaaf tajaajila waan kennuuf dhaaba manaa keemikaalli itti biiffame halluu dibuu, lolla’uufi waraqaa maxxansuu dhiisuu.
- Bookeen busaa iddoowwan bishaan faayidaan ala kuufametti waan walhortuuf bishaan faayidaan ala ciisu yoo naannoo jiraate dhangalaasuu, boollaa bishaa keessa ciisu duuchuu, kan faayidaaf oolan qadaaduu fi qulqulleessuun ittisuun ni danda’ama.
Odeeffannoon kun hubannoof qofa; gorsa doktoraa hin bakka bu'u.