Mukuun rakkoo xin-sammuu baal’inaan addunyaa kana irratti argamu yeroo ta’u; gadda guyyaa guyyaatti wajjiin waan walgitu kan hin taanee fi du’a namoota hedduuf rakkoo sababa ta’aa jirudha. Qorannoowwan akka eeranitti rakkoon kun biyyoota hin guddatiin keessatti nama kudhan keessaa nama tokko irratti ni mu’atu biyyoota guddatan keessatti immo nama torba keessa nama tokko irratti argama. Mukuun gosa garagaraa ni qaba.
Sababni dhukkuba kanaa kana jedhamee beekamuu baatus waantoonni hidhata cimaa dhukkkuba kana waliin qaban keessa qaccee sanyii, haala jireenyaa, midhamaa xinsammuu ykn qaama ijoollummaa fi miidhaa haala guddisaa waliin wal qabatee dhufu ta’uun ni beekama. Waanti hubatamuu malu kan biiroo immoowaantonni nuuf salphaa ta’an namoota biroo birratti ulfaatina adda ta’e qabaachu akka danda’udha.
- Abdii kutuu, qofummaan namatti dhagahamuu, mukuu
- Waantoota duraan isaan bashanansiisaniif fedhii dhabuu
- Jijjiiramu ulfaatina qaamaa fi fedhii nyaataa
- Callissuu baay’isuu
- Amaleeffannaan hirribaa jijjiiramuu
- Humna dhabuu, dafanii dadhabuu
- Ilaalchi ofiif qaban xiqqaachuuu, of ceepha’uu baay’isuu
- Yaadaan baduu, xiyyeeffannoo dhabuu
- Lubbuu ofii balleessuuf deddeebisanii yaaduu fi yaali taasisuu
Namoonni rakkoo kanaan rakkatan ogeessa xinsammuu (Psychiatrist) bira deemuun ilaalamuun irra jiraata. Yeroo baay’ee qorannaan dhiigaa qofti gahaa ta’us haala dhukkubsataa irratti hundaa’uun ogeessi fayyaa qorannoowwan dabalataa taasisuufi ni danda’a.
Dhukkubni kun yaala karaa qoricha liqimsamuun kennamuu fi gargaarsa xinsammuutin yaalamu ni danda’a. Qoricha dhibee kanaaf kennamu ajaja ogeessa fayyaatin ala tasumaa fudhachuun dhorkaadha. Sababni isaas filannoon qoricha umurii, ulfaatina, saalaa fi gosa dhukkubichaa irratti hundaa’uun garaagarumma waan qabuufi. Namoota rakkoon kun garmalee itti cimeef yaaliinn elektrikiitin godhamu (Electroconvulsive therapy) kennamuufi ni danda’a.
This information is for awareness only and does not replace a doctor's advice.