Karoora maatii fayyadamuun ulfa itti yaadamee fi itti karoorfame akka jiraatu gochuun fayyaa harmee fi daa’imanni irratti faayidaa guddaa kenna. Maatii gammadaa fi milkaa’e akka jiraatu gochuuf tooftaawwan qussannaa maatiitti fayyadamuun barbaachisaadha.
- Yeroo murtaa’eef wal-qunnamtii saalaa irraa of qusachu (Calendar Method) Toftaan kun erga dubartiin marsaa laguu argitee guyyoota 11 – 17 jiran keessatti wal qunnamtii saalaa irraa of qusachuun kan itti fayyadamuu dandeenyudha
- Yeroo walqunnamtii saalaa sanyiin dhiira qaama hormaata keessatti akka hin dhangalaane gochu (Coitus Interuption)
- Harma hoosisuu (Breast feeding) Toftaan kun akka tajaajiluuf harmeen ji’a 6f harma qofa hoosisuu qabdi. Marsaan laguu qaamas hafuu qaba
Toftaa bal’inaan hojiirra oolaa jirudha. Gosa 2tu jira:
- Inni duraa qoricha 28 of keessa qaba. 21n isaanii akka ulfi hin umamne tajaajila. 7n isaanii immo yeroo Marsaan laguu qaamaa dhufu dhangala’uu dhigaatiin hir’ina ayiranii uumamu bakka buusuuf tajaajilu.
- Inni lamaffa immoo 28tan isaaniiyyu ulfa ittisuuf kan gargaaranidha. Gosti lamaaanuu guyya guyyaan fudhatamuu qabu Faayidaawwan toftaa kanaa
- Milkaa’ina guddaatin tajaajila (98-99%)
- Baay’ina dhiiga yeroo Marsaa laguu dhangala’u hir’isuuf gargaara. Hanqina dhiigaa sababa sanaan uumamu hir’isuufis gargaara
- Dhukkuba yeroo Marsaa laguu uumamu hir’isuuf gargaara
- Dhiitoo gadameessa keessa hir’isuuf gargaara
- Infekshinii gadameessa keessaa hir’isuuf gargaara Dhiibbawwan toftaan kun geesisuu danda’u
- Miira balaqamsiisuu
- Dhukkubbi harmaa
- Ulfaatinni kilo dabaluu
- Xalaa fuula irraa
Ji’a 3tiin kan kennamu yeroo ta’u, 99.5% milkiitiin tajaajila
Faayidaawwan
- Bay’ee bu’aa qabeessa
- Miira balaqamsiisu fiduu
Dhiibbaa walqabatee dhufu
- Ulfaatina qaamaa dabaluu
- Marsaa laguu jeequu
- Jabinni lafee haphachu
Irree harkaa irratti kan galu yoo ta’u wagga 3iif tajaajilu danda’a. Bu’aa qabeessumma irratti hanga 99% gahuu ni danda'a Faayidaawwan
- Yeroo mucaa godhachuun itti barbaachisetti baasani ulfaa’uun ni danda’ama Dhiibbaawan walqabatee dhufu
- Ulfaatina qaamaa dabaluu
- Marsaan laguu jeeqamuu
- Dhukkubbi irree irra
Waggaa 3 – 10 tiif ni tajaajila
Faayidaawwan
- Gatiin isaa rakasa
- Yeroo dheeraaf tajaajilu ni danda’a
- Ulfa tasa dhufuuf tajaajilu ni danda’a
Dhiibbaawwan walqabatanii dhufan
- Infeekshinii gadameessaa
- Jeeqamuu marsaa laguu
- Dhukkubbi yeroo marsaa laguu
- Dhukkuba dugdaa
Malleen kun walqunnamtiin saalaa of eegganno malee erga godhamee ykn kondoomiin tasa yoo tarsa’e kanneen itti fayyadamnu dha Faayidaawwan
- Ulfa sagantaa malee tasa uumamu dhorka
- Gatiin isaa rakasa
- Salphaatti fayyadamuun ni danda’ama
Dhiibbaawwan walqabatanii dhufan
- Yeroo gabaabaaf qofa tajaajila
Itti fayyadamaaf salphaa kan ta’ee fi bal’inaan hojii irra kan ooludha. Kan dhiiraa bu’aa qabeessumaan isaa 88-99% yeroo ta’u kan dhalaa immo 79-95% dha. Faayidaawwan isaa
- Gatiin isaa rakasa, salphaatti arga, itti fayyadamaaf salphaadha.
- Hormoonii qaamaa irratti jijjiirama hin fidu
- Dhibeewwan walqunnamtii saalaan wal-qabatanii dhufan ni hir’isa
Dhiibbaawan wal-qabatanii dhufa
- Tarsa’uu ni danda’a
- Miira saalaa addaan kutuu ni danda’a
Ogeessa baqaqsanii hodhuutin kan hojjetamudha. Umuriii gutuu dhala godhachuu namoota hin barbaannef hojjetama. Faayidaawwan
- Guutumaa guutuutti ulfa ittisu Dhiibbaawwan walqabatanii dhufan
- Deebisanii ulfaa’un hin danda’amu
This information is for awareness only and does not replace a doctor's advice.