Damakese

Dhukkuba Meninjaayitis

Meninjaayitisiin dhukkuba yommuu dhangala’aa fi meembraanonni sammuu fi lafee dugdaatti marsanii jiran infekshiniidhaan qabaman uumamuudha. Yoo yeroon hin yaalamu ta’e dhukkuboota hamaa kan akka dhibee gaggabsaa (seizure), laamsha’uu qaamaa, jaamummaa, dhageetti dhabuu fi du’a dabalatee dhukkuba fiduu danda’uudha. Akkuma infekshinoota biroo biyyii keenya saaxilammummaan dhukkuba kanaaf qabdu guddaadha.

This information is for awareness only and does not replace a doctor's advice.