Infeekshiniin ujummoo fincaanii infekshinii kutaa sirna fincaanii kamiyyuu keessatti mul’atudha. Sirni fincaanii kalee, ujummoo fincaanii olii, afuuffee fincaanii fi ujummoo fincaanii gadii of keessatti qabata. Infeekshiniin baay’een isaanii afuuffee fincaanii fi ujummoo fincaanii gadii keessatti mul’atu.
Dubartoota irratti ujummoon fincaanii gadii gabaabaa waan ta'eef baakteeriyaan infekshinii kana fiduu danda’u carraa ol ba'uu salphaa qaba. Sababii kanaaf carraan dubartoonni dhiroota caalaa infekshinii kanaan qabamuuf qaban dachaa kudhan dha
Infekshiniin kun yeroo baay’ee kan uumamu baakteeriyaan karaa ujummoo fincaanii seenee babal’achuu yommuu jalqabuudha
Saalaan dubara ta’u, namoota hedduu waliin walqunnamtii saalaa raawwachuu, uffata jalaa nama qabu uffachuu, qaama saalaa duuba irraa gara fuulduraatti haaxa'u, rakkoo caasaa ujummoo fincaani, bishaan gahaa dhuguu dhabuu fi dhukkubni sukkaaraa wantoota infekshinii kanaaf nama saaxilan keessaa kan eeraman dha
Mallattoon infekshiniin kun agarsiisu iddoo sirna fincaani hubamu irratti hundaa’a.
- Mallattoo infekshinii ujummoo fincaanii kamiyyuu irratti mul’achuu danda’an: muddaa fincaani, yommuu finca’an miira gubuu qabaachu, yeroo baay’ee fincaa’uu, fincaan xiqqoo dabarsuu, halluun fincaanii jijiiramuu, fincaan foolii cimaa qabaachu fi yeroo fincaa’an dhukkubbi qabaachu dha.
- Mallattoon dabalataan yommuu infekshiniin kale fi infekshinii ujummoo olii irratti mudatu mul’atan kanneen armaan gadiiti: ho’a qaama, miira qorra qorra jedhu qabaachu, dhukkubi cinaacha gadii, bututuu qaamaa fi bulgaatii/ballaqqamadha.
Of eeggannoon gochuu qabnu kanneen armaan gadiiti:
- Dhangala’oo baay’ee dhuguu, keessattuu bishaan.
- Qulqullina naannoo qaama saalaa eeguu.
- Erga mana fincaan fayyadamanii qaama saalaa fuulduraa gara duubaatti haaxa’u.
Mallattoon dhukkubsataa yeroo baay’ee infekshinii kana adda baasuu fi qoricha barbaachisaa ta'e ajajuuf gahaadha. Qorannoon dabalataa kan akka qorannoo fincaanii, qorannoo dhiigaa fi altiraasaawundiin haalota armaan gadii irratti ajajamu danda’a: yeroo infekshiniin kun irra deddeebiin mul'atu, yeroo infekshiniin dhiirota fi daa'imman irratti mul’atu fi yeroo rakkoon caasaa ujummoo fincaanii shakkamudha.
Yeroo baay’ee antibaayootikoonni yaala jalqabaa infekshinii ujummoo fincaaniiti. Haalli fayyaa fi gosti baakteeriyaa fincaan keessatti argamu filannoo qorichaa fi yeroo hammamiif qorichicha fudhachuu akka qabnu murteessa. Dabalataan qorichi hoo’a qaamaa fi dhukkibbu qaamaa hir’isu laatamu danda’a.
ይህ መረጃ ለግንዛቤ ብቻ ነው፤ የሐኪም ምክርን አይተካም።