-Tamboo xuuxuu, Umuriin dullomuu, dhibeelee human ittisa keenya dadhabsan (fkn HIV, kansarii, dhibee sukkaaraa fi.k.k.f)
Nimooniyaan infeectinii ujummo sombaa xixiqqoo sababa vayirasii ykn baakteriyaa fi.k.k.f yeroo miidhamu dhukkuba uumamu. Dhukkuba hedduminaan argamuu fi namoota hedduu miidhu yeroo ta’u, mallatoolee isaa adda baasuuni fi yerootin yaalamuun baay’inaan guutumaa guutuutti fayyuun ni danda’ama.
Dhukkuba laphee irraa, hafuura kutuu, qufaa, fedhii nyaataa dhabuu, fi ho’a qaamaa Hubadhu: Dhukkubni kun carraa nama irraa namatti darbuu hedduminaan ni qaba. Keessumaa sababa vayirasiitin warri dhufan.
Yeroo baay’e raajiin sombaa gahaa yeroo ta’u haala dhukkubsataa irratti hundaa’e yaaliwwan dabalataa kan biro barbaachisaa ta’uu ni danda’a.
- Somba irratti bishaan kuusu - Qaama birootti faffaca’uun du’aaf nama saaxilu ni danda’a Hubadhu:- Namoota umuriin dullooman irratti jabaachu ni danda’a - Akka barbaachisummaa isaatti bishaan somba irratti kuufame ogeessa fayyaatin waraabame yaaliif ergamuu nidanda’a
Haala dhukkubsataa irratti hundaa’e qorichi garagaraa kennamuu ni danda’a. kanneen baay’inaan kennaman keessaa - Amoxacillin, Augmentin, Azithromycin, doxycycline – kanneen liqimfaman - Ceftriaxone, Cefepime, Vancomycin – Kanneen lilmootin kennaman
ይህ መረጃ ለግንዛቤ ብቻ ነው፤ የሐኪም ምክርን አይተካም።