Dhukkubni asmii, dhukkuba ujummoo qilleensaa, kan qilleensa gara sombaa geessuu fi ujummoolee qileensaa somba keessatti argaman kan hubu dha. Dhukkubni kun kan nama qabu yoo ujummooleen qilleensaa kun bal’inaan (width) hir’atanii sirritti qilleensa deddeebisuu dadhabanidha. Bal’inni ujummoolee qilleensaa kunis kan hir’atu, yoo ujummoon qilleensa sun kulkula (inflammation) godhatuu fi dhangala'aa furdaa (mucus) kan nama fayyaa caalaatti mirgisiisuudha. Ujummoon qilleensaa dhiphatee fi dhangala'aa furdaa (mucus) kanaan guutame keessa qilleensi akka garaa olseenuu fi gadi bahuu hin danda’u. Kana irraa kan ka’e namoonni rakkoo kanaan qabaman mallattoo garagaraa argisiisuu eegalu.
Dhukkubni asmii (Bronchial Asthma) hawaasa keessatti dhukkuba beekamaa fi namoota baay’ee kan hubuu danda’udha. Argamni dhukkuba kanaa bakkaa bakkatti garaagarummaa kan qabu yoo ta’u naannoo tokkotti baay’inaan namoota baay’ee kan hubuu fi hawaasa naannoo biraa keessatti ammoo xiqqaatee argama. Kunis sababa haala qilleensaa, sanyii fi haala jireenyaa irratti hundaa’a. Bal’inni dhukkuba kanaa biyya keenya keessatti sirriitti beekamuu baatus, namoonni hanga kuma dhibba lamaaf shantama (250,000) ta’an akka addunyaatti wagga waggaan lubbuu isaanii dhabu.
Ka’umsi isaa maal akka ta’e kana jedhanii adda baafachuun hin danda’ame. Ta’us garuu waantonni dhukkuba kanaaf nama saaxilan jedhaman keessaa kanneen akka:
- Firoota dhiigaa dhukkuba asmii kanaan qabamamn qabaachuu
- Dhukkubootaa alarjikii kanneen biroo qabaachuu (kanneen akka alarjikii gogaa fi sayinasii)
- Ulfaatinni qaamaa garmalee dabaluu
- Tamboo aarsuu fi namoota tamboo aarsan cinatti yeroo hedduu argamuudhaan aara tamboo isaan irraa ka’uuf saaxilamuu (passive smokers)
- Sababa hojii irraanis ta’e kan biroon keemikaalota warshaalee adda addaa irraa maddaniif saaxilamuu.
Mallattoowwan dhukkuba kanaa keessaa muraasni:
- Qufaa (keessumaa halkan halkan fi yeroo qorraa)
- Yeroo afuura baafatan sagaleen xiixuu dhaga’amuu
- Afuura baafachuu dadhabuu ykn afuurri namaa cituu fa’i.
Dhukkubni kun ciminni isaa namaa namatti garaagarummaa guddaa qabaachu ni danda’a.
Namoota kanneeniif salphaa ta’ee kan mallattoo xixiqqoo qofa argisiisuu fi namoota
biroof ammoo kan afuura baafachuu dhorkee hanga hojii idilee dhorkuu fi lubbuu
galaafachuutti kan deemudha. Dhukkubni asmii kun kan nama dhukkubsu yokaan mallattoo
argisiisu yeroo baay’ee walitti fufiinsaan osoo hin taane gidduu giduutti boqonnaa
kennaa yeroo kaan namatti cimaa, yeroo kaan immoo mallattoon isaa kan hir’atudha.
Dhukkubni kun yoo namatti ka’u mallattoo armaan oliitti ibsaman kana haala baay’ee
cimaa ta’een argisiisa. Namoonni dhukkuba kanaan yeroo baay’ee rakkatan dhukkubicha kan isaanitti kaasu maal akka ta’e adda baasanii ni beeku.
Qaamni keenya uumamaan wantoota alagaa ta'an toftaa ittin ofirraa lolu ni qaba. Ujummoon qilleensaa keenyas qaama keenya keessaa tokko waan ta'eef akkasuma. Ujummoon qilleensaa kan warra dhukkuba kana qabanii addumatti waantoota tokko tokkotti yoo ba'u loluudhaan dhangala'aa armaan olitti ibsame sana gadi lakkisee, bal'inni isaa dhiphataa deema. Wantootni qaamni isaanii lolu kun afaan sayinsiitin ‘allergen’ jedhamu.
Kanneen qaamni keenya lolu kana keessaa muraasni:
Qilleensa baay’ee qorraa, Qilleensa baay’ee gogaa, Harca'a daraaraa gargaraa, Fooli
cimaa (ajaa ykn urgaa), Aara tamboo, Dhukkee, Infekshinoota ujummoo qilleensaa akka
qufaa/utaalloo fi Infekshinii sombaa kan biroo, Cinqii (stress), Aara qoraan boba'uu,
Fooli bineeldota manaa, Foolii ilbisoota gargaraa, Qorichoota dhukkuba biraaf kennaman
Muraasa, Sochii qaamaa fi kkf fa’i.
Qorichi dhukkuba asmii hundee irraa fayyisu hanga ammaa kan hin argamne ta’us, dhukkubicha to’achuu fi akka namatti hin kaane gochuun garuu ni danda’ama. Qorichoonni mallattoolee asmii to'atan (controllers) kan yeroo dheeraa fi gabaabaa gosa hedduutu jiru. Qorichoonni dhukkuba kanaaf kennaman kun akkaataa cimina dhukkuba asmii namni yaalamu sun qabu irratti hundaa’u akkasumas walitti fufiinsaan yokaan yeroo dhukkubni asmii kun namatti ka’u qofa kan fudhataman ta’uu danda.u. Qorichoota mana yaalaa irraa dhukkuba kanaaf kennaman haalaan fudhachuun dhukkuba kana to’achuun ni danda’ama. Qorichoota kana biratti namni dhukkuba kanaan qabame waantoota isatti/isheetti kaasisan yoo beeke/te waantoota sana irraa of qusachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf yoo qilleensa qorraa jibba ta'e afaan ofiitti maaksii godhatanii socho’uun hedduu nama gargaara. Waan nutti kaasu beeknee irraa of eeguun waan salphaa miti, carraa qoricha cimaa fudhachuu fi hospitaala ciisuu irraa dhukkubsataa kana baraara. Yoo tamboo kan aarsinu ta’e dhiisuu akkasumas namoota tamboo aarsan irraa fagaachuunis barbaachisaadha. Namootni tokko tokko garuu kana maaltu akka isaanitti kaasu waan hin beekamneef irraa fagaachuuf ni rakkatu.
Dhukkubni asmiin dhukkubsataa tokkorraa kan biraatti karaa kamiinuu hin darbu. Hidda dhiigaa (genetics) dhaan garuu hamma xiqqoo maatii irraa dhalatti darbuu ni danda’a. Kana jechuun garuu yoo abbaaf haati asmii qabaatan mucaan dirqama ni qabaata jechuu osoo hin taanee warra kuun irra caalaa carraan dhukkuba asmii kanaan qabamuun isaa/ishee olka’aadha jechuudha.
ይህ መረጃ ለግንዛቤ ብቻ ነው፤ የሐኪም ምክርን አይተካም።