Dhibeen sukkaaraa hammi giluukoosiin qaama keessa jiru to’annoo qaamaan ol yeroo ta’u kan uumamudha. Qaamni hormooni insuliinii jedhamu oomishuun hamma gilukoosi kan to’atu yeroo ta’u. Hammi hormooni kanaa yeroo hir’atu dhibeen sukkaaraa ni uumama. Dhiibeen Sukkaara gosa lamatu jira -Inni Jalqabaa – Daa’immann irratii yeroo baay’ee kan mul’atu yeroo ta’u, hormooniin insuliinii haala gahaatiin oomishamu hafuu irraa kan uumamudha. -Inni Lammataa – Namoota gurguddoo irratti kan baay’inaan mul’atu yeroo ta’u, hormooniin insuliini haalaan hojjechuu dhabuu irraa kan uumamudha.
Daddafanii dheebochu, Fincaan daddafee dhufuu, daddafanii beela’uu, Ulfaatinni qaamaa hir’achu, Dadhabbii
· Ulfaatina qaamaa garmalee guddaa ta’e · Maatii keessa namni dhibee sukkaaraa qabu jiraachu · Umurii wagga 40 ol ta’u
· Rakkoo ijaa :- Dimimmisuu ijaa, dadhabuu qaroo, Haguugamu ijaa · Rakkoo Nervii:- Hadooduu qaamaa, Qaama gubuu, Dadhabbii qaamaa · Rakkoo Onnee:- Hafuura kutuu, Dhukkuba laphee irraa, Dadhabbii, Dhukkamsoo keessumaa kan galgala galgala jabaatu, dhahannaa onnee, dhiitoo miillaa fi fuula, · Dhibee kale: - fincaan diimachu(Shayii fakkaachu), Lafaan martoo, Dhiitoo qaamaa · Dhibee garaa:- Afuufamuu garaa, Garaa kaasaa fi Goginsa garaa Kanneen armaan olii kan qunnaman haalaan hamma giluukosii dhiiga keessa jiru to’achu dadhabuu irraa kan ka’e. Qoricha seeraan fudhachuun rakkoowwan kana to’achuun ni danda’ama. Hanqina Giluukoosi qaama keessa (Hypoglycemia) Jeeqamuun hamma insuliinii qaama keessaa rakkoo baay’achuu giluukoositiin walqabatee dhufuun alatti yeroo nyaata hin nyaatiin immo hanqina gilukoosi namatti fida. Kunis sammuu fi qama irratti rakkoo hamaa fida. Kanaaf namooni dhibee sukkaaraa qaban hundi haala kana hubachuun mallattooleen hanqina gulukoosi yeroo irratti mul’atan dafee waan mi’aawwaa fudhachuu danda’uu qaba. Mallattooleen kunis: dhahannaa onnee, dafqa qaamaa, ol-nama jechuu, dimimmisuu ijaa fi human dhabuudha. Kanneen kun yeroo nama irratti mul’atan yoo danda’ame hatattamaan hanga gilukoosi qaamaa safaruun yoo 70 gadi ta’e fi yoo meeshaan dhabame immo akkasumaan mirinda ykn waan sukkaara qabu 200ml fudhachuun barbaachisaa dha.
Baay’ina Gilukoosi qama keessaa -Garaa qullaa 126 ol yoo ta’e dhibeen sukkaaraa jiraachuu eera -Nyaata nama fudhateef immoo 200 ol ta’uun rakkoo dhibee sukkaaraa eera · Hemoglobin A1C :- Yaaliin kun ji’a sadiin kan taasifamu yoo ta’u to’annoon jiraachuu isaa beekuuf nufayyada · Yaala fincaanii fi dhiiga :- Haala fayyaa kalee beekuuf nu gargaara. Kaleen keenya dhiibee sukkaaraan walqabatee rakko gurguddaaf saaxilamu nidanda’a. · Yaala ijaa (fundoscopy):- dhibee sukkaraan walqabatee rakkoowwan ijaa qunnaman waggaatti yeroo tokko ilaalamun ni gorfama
Dhibeen sukkaaraa carraaqqii dhukubsataa fi yaala ogeessa fayyaatiin haalaan to’anno jala dhukkuba oolchu dandeenyudha. Hunda caala kutannoo fi carraaqqi dhukkubbsataa gaafata. · Haala nyaata sirreessu - Nyaatawwan hir’isuun ykn dhiisuun barbaachisan : Sukkaara, Dhugaati alkooli, Daabbo biilaan keessaa bahe, pasta, Dinnicha -Nyaatawwan gorfaman: Raafuu, Muduraa, kuduraa, Buddeen ·Gosa dhibee sukkaaraa irratti hundaa’e ogeessi fayyaa qoricha garagara kennuu ni danda’a - Qorichaawwan liqimfaman kanneen akka Metformiin, glibenclamide. Qorichawwan kanneeniin walqabatee garaa kaasaa, dhamdhama sibiilaa fi mallattohanqina gilukoosi fiduu ni danda’a.
ይህ መረጃ ለግንዛቤ ብቻ ነው፤ የሐኪም ምክርን አይተካም።